(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 14,2009) Oduun keessa waraana Wayyaanee irraa nu dhaqqabe akka hubachiisutti sirnichi loltoota yeroo loltummaa isaanii xumuratanii jiranitti tajaajila waggaa 7 bifa haaraan itti fufanii akka kennan murteessu illee, waraanni hedduun mormii kaasee keessaa badaa jira.
Lolitoon hedduun yaada wayyaanotaa kana kana fudhachuu dhaan nuti Kontiraata keenya xumurree jirra; nu gadhiisaa Lolituu taanee itti fufuu hin barbaanu jechuun wayyaanota muddaa akka jiran barameera.
Yeroo ammaa lolitoon hedduun waraanicha gadhiisanii galaa kan jiran yeroo ta’u garii isaanii ammoo wayyaanoti hin galtan jechuun to’annaa jala olichanii gidirsaa akka jiran maddeen kessa beekan saxilaniiru. lolitoon didanii galans yeroo ammaa kana mirgi isaanii kan hin eegamneef ta’uu maddeen hubachiisaniiru.
Diddaa itti fufanii loltuu ta’uu waraanni agarsiisaa jiru kana qabbaneessuu fi to’achuuf Mallas Zeenaawwii fi Samooraa Yuunus seerri bulmaata waraanaa waraanichaaf akka dubbifamu ajaja dabarsuunis dhaga’ameera. Haaluma kanaan kitaabotni baay’inni isaanii 18 ta’an sadarkaa istaafii irraa hanga rejimentiitti waraanaaf akka dubbifamu ajaji darbee akka jirus hubatameera.
Diddaa loltummaa waraanaa wayyaanee keessatti ka’e kana akkaataa qabbaneessuu fi to’atuun danda’amu irratti qondaalotni waraanaa fi hoogganootni wayyaanee walgahiin wal muddaa jiraachuus keessa beektotni ifa godhu. Basastota isaaniis Finfinneetti waamuun dhaga’meera.
|